Addunyaan yeroo ammaa kana keessa, dinagdee fi siyaasni walitti hidhamuun isaanii bifa haaraa fudhatee jira. Dhaabbilee dinagdee addunyaa, kanneen akka Ameerikaa fi Chaayinaa, akka meeshaa humna siyaasaa itti fayyadamuun wal dorgomaa jiru. Kana keessa, mootummaa Ameerikaa fi Chaayinaa jidduu tamsa’uun dinagdee addunyaa ni jijjiira.
1. “Weaponized Interdependence” dubbiin jettu hoo maal jechuudha?
Barreessitoonni Henry Farrell fi Abraham Newman, akka jechuun ibsaniiru — addunyaa walitti hidhamte keessatti biyyoonni tokko tokko humna dinagdee fi tajaajila teknooloojii akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamuu danda’u. Fakkeenyaaf, Ameerikaan tajaajila maallaqaa fi sirna interneetaa ofiin qabu fayyadamuun biyyoota biro irratti dhiibbaa gooti.
Addunyaan yeroo ammaa kana keessa, dinagdee fi siyaasni walitti hidhamuun isaanii bifa haaraa fudhatee jira. Dhaabbileen dinagdee addunyaa, kanneen akka Ameerikaa fi Chaayinaa, akka meeshaa humna siyaasaa itti fayyadamuun wal dorgomaa jiru. Kana keessa, mootummaa Ameerikaa fi Chaayinaa jidduu tamsa’uun dinagdee addunyaa ni jijjiira.
Maalummaa “Weaponized Interdependence” dinagdee addunyaa haaraa
Barreessitoonni Henry Farrell fi Abraham Newman maqaa kanaan ibsaniiru — addunyaa walitti hidhamte keessatti biyyoonni tokko tokko humna dinagdee fi tajaajila teknooloojii akka meeshaa waraanaa itti fayyadamuu danda’u.
Kun jechuun, biyya tokko humna dinagdee fi walitti hidhamiinsa addunyaa irratti qabu fayyadamuun, diinota isaa dhiphisuuf, ukkaamsuuf, yookaan murteessuu danda’a jechuu dha.
Fakkeenya Ameerikaa dinagdee addunyaa haaraa
Fakkeenyaaf, Ameerikaan yeroo dheeraaf sirna maallaqaa addunyaa harka jala qabdi. Dooraala (USD) akka maallaqa addunyaa tajaajilutti fayyadama. Kanaaf, yeroo barbaadde, biyyoota tokko tokko irraa maallaqa addunyaa fi tajaajila maallaqaa addaan kutuu danda’a.
Fakkeenya dhugaa ta’e keessaa, Ameerikaan yeroo tokko Iraan, Raashiyaa fi Chaayinaa irratti uggura maallaqaa (sanctions) diriirsitee ture. Kun immoo akka biyyoota sana keessatti daldalli, liqii argachuun, fi gurgurtaa alaa raawwachuun rakkatu taasise.
Ameerikaan tajaajila interneetaa fi teknooloojii ol’aanaa qabdu. Dhaabbileen akka Google, Apple, Amazon, Meta, fi Microsoft addunyaa guutuu irratti diriirsaniiru. Kanaaf, yeroo barbaadde, tajaajila kanaan biyyoota biro to’achuu danda’a. Fakkeenyaaf, yeroo tokko Huawei fi ZTE irratti uggura seeraa fi tajaajila teknooloojii dhorki itti murtaa’e ture.
Walitti Hidhamni Diinagdee Addunyaa Bifa Haaraa Fudhatee Jira
Farrell fi Newman ibsuun, addunyaan yeroo ammaa kana akka “network” tokkootti hojjetti. Network kana keessatti, bakka murteessaa tokko tokko kan to’annaa guutuu qabu jiru — isaanis chokepoints jedhamu. Fakkeenyaaf:
- SWIFT System — tajaajila ergaa maallaqaa addunyaa,
- Semiconductor design software akka Synopsys fi Cadence,
- Payment gateways akka Visa, Mastercard, fi PayPal.
Biyyoonni kanneen to’annaa kana qaban, humna isaanii ittiin babal’isu. Kanaaf, Ameerikaan yeroo dheeraaf “interdependence” kana akka meeshaa siyaasaa fi dinagdee itti fayyadamte.
Deebii Chaayinaa dinagdee addunyaa haaraa
Chaayinaan yeroo gabaabaa keessatti of danda’e ta’uu agarsiiste. Sirna export control ofii ijaarte, akkasumas rare-earth minerals irratti to’annoo jabeessite. Kunis sababeeffatee, Chaayinaan Ameerikaa irratti dhiibbaa cimaa fidaa jirti.
Chaayinaan immoo “CIPS (Cross-Border Interbank Payment System)” jedhamu diriirsuun, akka SWIFT bakka bu’u yaalaa jirti. Kana jechuun, Ameerikaa jalaa bahuuf fi tajaajila ofii ijaaruu irratti xiyyeeffate.
Gaaffii fi Hanqina Awurooppaa
Awuroppaan, akka barreessitoonni jedhanitti, humna dinagdee cimaa kan qabdu ta’uus, waliigaltee tokko malee ofirraa ittisuuf dandeettii yaraa qabdi.
Dhaabbileen akka ASML, SAP, fi Ericsson to’annoo teknooloojii ol’aanaa qabu, garuu waliigalteen siyaasaa fi tarsiimoo tokko hin qaban. Kanaaf, yeroo Ameerikaan fi Chaayinaan walitti bu’an, Awurooppaan bakka lamatti hiramti.
Awurooppaan “Anti-Coercion Instrument” jedhamu diriirsuun yaalii ofirraa ittisu gootuus, hanqina seeraa fi waliigaltee sababeeffachuun, hojii irra olchuu hin dandeenye.
Ameerikaan Of Irratti Hin Jajjabeessine
Yeroo ammaa kana Ameerikaan humna ishee ofiitti hin jabessine. Henry Farrell fi Abraham Newman akka jedhanitti, mootummaa Ameerikaa keessatti guddina sirna qorannoo, dandeettii hayyoota fi tajaajila mootummaa irratti gadi bu’iinsi guddaan jira.
Qorattoonni kunniin akka himanitti, yeroo ammaa kana “policy decision” hedduun gara siyaasaa dhuunfaatti jijjiirame, sirni qorannoo fi mariin mootummaas diigameera. Kun immoo Ameerikaa dadhabsiisaa jira.
Dorgommii Diinagdee Addunyaa Haaraa
Addunyaan amma keessa jirru era of weaponized economy keessa seenteetti. Kana jechuun, biyya tokko humna dinagdee fi teknooloojii qabdu ittiin waraanuu danda’a; kan hin qabne immoo ofirraa ittisuuf dadhaba.
Farrell fi Newman akka ibsanitti,:
“Biyyoonni of danda’an injifatan; kanneen walitti hidhamiinsa isaanii irratti hirkatan immoo miidhamtoota ta’u.”
Kana jechuun, dinagdee addunyaa keessatti injifannoo fi kufaatiin yeroo ammaa sirna walitti hidhamuu irratti hundaa’a.
Kana irraa maal hubanna?
Barreeffamni kun waan guddaa nu barsiisa — addunyaan yeroo ammaa kana keessatti, walitti hidhamuun daldalaa fi teknooloojii akka waraanaatti fayyadamaa jirti. Biyyoonni guddatan faayidaa ofiif dorgomaa jiru, garuu biyyoota guddachaa jiran irratti dhiibbaa hamaa uumaa jiru.
Kanaaf, Itoophiyaan fi biyyoonni biroo guddachaa jiran, of danda’oo ta’uuf, teknooloojii, maallaqa, fi qunnamtii addunyaa irratti dandeettii ofii cimsuu qabu.
Chaayinaan akkamitti deebii kennite?
Chaayinaan yeroo gabaabaa keessatti of dandeessuu ta’uu agarsiiste. Sirna “export control” ofii ijaaranii, qabeenya qilleensa dh rare-earth elements jedhaman irratti to’annoo jabeessite. Kunis Ameerikaa irratti dhiibbaa cimaa fidaa jira.
Awurooppaa fi Addunyaan Kaabaa hoo maal keessa jiru?
Awuroopppaan, akka barreessitoonni jedhanitti, humna dinagdee cimaa kan qabdu ta’uus, waliigaltee/tokkummaa tokko malee ofirraa ittisuuf dandeettii yartuu qabdi. Haa ta’u malee, wal-hubannoo fi tarsimoo tokko uumuuf tattaaffii godhaa jirti.
Kana irraa maal baranna?
Addunyaan “globalization” durii irraa gara “weaponized economy” ti ceetee jirti. Kana jechuun, biyyoonni tokkummaa fi wal-qixxummaa irra darbanii, dinagdee isaanii akka meeshaa waraanaa fayyadamuu jalqabanii jiru.
Xumuuraa
Barreeffamni yookiin kitaabni “Foreign Affairs” jedhu kun akka dinagdeen addunyaa yeroo ammaa kana keessatti meeshaa siyaasaa taatee jirtu nuuf akeeka. Biyyoonni guddatan ofii isaaniif faayidaa isaanii barbaaduuf jecha, biyyoota guddina irra jiraniitti dhiibbaa guddaa uuman. Kanaaf, biyyoonni guddachaa jiran akka Itoophiyaa, of danda’oo ta’uuf; teknooloojii, maallaqa, fi qunnamtii addunyaa irratti dandeettii ofii cimsuu qabdi.
Waa’ee kana akeekni biyyoota addunyaa hundi maal ta’uu qabdi jedhu irratti hubannoo fi xiinxala gahaa kennuuf kitaaba ‘Foreign Affairs’ jedhu kana asii buufaachuun dubbisaan gorsa keenya

